Biyyoolessaa Qabxii Olaanaa Galmeessisan Badhaase.
BBO- 16/01/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 qabxii olaanaa galmeessisan 71 bakka maatiifi keessummmootni adda addaa argamanitti badhaaseera.
Sagantaa Badhaasa Barattoota Qaxalee Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2016 Qabxii Olaanaa galmeessisan irratti haasawa kan taasisan hogganaa BBO Dr. Tolaa Bariisoo keessummootaan baga nagaan dhuftan jechuun kan jalqaban yoo ta'u, barattota qabxii olaanaa galmeessisaniin baga gammaddan jechuu haasawa taasisaniin qulqullina barnootaa mirkaneessuuf qaamni hunduu gahee isaa akka bahu waamicha taasisaniiru.
Akka BBOtti rakkoon gurguddoon qulqullina barnootaa ta'aniifi xiyyeeffannoo irratti hojjataa jiru keessaa
#Daa'imman barnootaaf qophaa'aan horachuuf nyaata dhiheessuu, #Dandeettii Barsiisaa fooyyessuu irratti hojjachuu, #Faasiliitii MB guutuu irratti hojjachuufi #Gahumsa hoggansa barnootaa fooyyessuu irratti hojjachuun rakkoo qulqullina batnootaa uumame hiikuun akka danda'amu Dr. Tolaan ibsaniiru.
Walumaa galatti, Barattoota qabxii 530fi ol galmeessisan 69f Meedaliyaa. Waraqaa Ragaa, Qarshii 20,000fi Laptop 1 akkasumas barattoota qabxii daran olaanaa galmeessisan 2f Meedaaliyaa. Waraqaa Ragaa. Qarshii 30,000 fi Laptop 1 tokko tokkoo isaanii yoo badhaafaman, Yunivarsiitiiwwan barattoota Manneen Barnootaa Addaa Addaa 100% , Manneen Barnootaa 90fi ol dabarsaniifis beekkamtiin kennamee jira.
Dhumarratti, Sadarkaa I/A Pirez. Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaapp Kilaastara Hawaasummaa obbo Saadaat Nashaa ergaa dabarsaniin dhaloota gahumsa qabu horachuuf hojii Mootummaan Naannoo Oromiyaafi Biiroon Barnootaa Oromiyaa hojjataa jiru lammiin hunduu gahee isaa akka taphachuu qabu ibsaniiru.
https://t.me/Oromiaeducationbureauo